Paaswordiin Keenya Akkamiin Hatamuu Danda’a?

Paaswardiin keenya akkamiin hatamuu danda'a? Murre-Tips


Akkamitti Of Eeguu fi Yoo Hatame Deebifachuu Dandeenya?

Yeroo amma kana bilbilli keenya wanta hunda of keessatti qabata.
Facebook, YouTube, Telegram, Email, Baankii, suuraa dhuunfaa… hundumtuu bilbila keessa jira.

Garuu gaaffiin guddaan tokko jira:

Namni bilbila keenya daqiiqaa muraasaaf fuudhe akkamiin paaswordii keenya beekuu danda’a?

Barreeffama kana keessatti:

  • Akkamitti password hatamuu danda’u,

  • Eessa irraa balaan guddaan jiru,

  • Akkamitti of ittisuu dandeenyu,

  • Yoo hatame immoo maal gochuu qabnu

tartiibaan ni ilaalla.


1️⃣ Akkamitti Password Keenya Hatamuu Danda’a?

Namni isin waliin jiraatu ta’uu danda’a.
Ykn namni yeroo isin bilbila fayyadamtan cinaa keessan taa’ee ilaalu ta’uu danda’a.

Yoo namni sun:

  • Pattern ykn password bilbila keessan beeke

  • Bilbila keessan daqiiqaa muraasaaf harka isaa galche

rakkoon suuta suuta jalqaba.

Fakkeenya Tokko:

Namni sun bilbila banaa gara Google Chrome seena.

Yoo isin dura:

  • Email

  • Facebook

  • YouTube

  • Website adda addaa

Chrome keessatti “Save password” gootanii turre ta’e…

Namni sun:

  • Settings keessa seenee

  • Passwords banee

  • Email fi password keessan ilaalu danda’a.

Akkasumas screenshot fudhachuu danda’a.

Kun hundi daqiiqaa muraasa keessatti raawwatama.


2️⃣ Miidhaa Isaa Maal Ta’a?

Yoo password keessan harka nama dogoggoraatti gale:

  • Account keessan jalaa jijjiirama

  • Email keessan cufamuu danda’a

  • Maallaqni keessan hatamuu danda’a

  • Suuraan dhuunfaa ba’uu danda’a

  • Maqaan keessan xureeffamuu danda’a

Namni tokko password kee qabaachuun, jireenya dijitaalaa kee to’achuu danda’a jechuudha.


3️⃣ Akkamitti Of Ittisuu Dandeenya?

Amma wanti murteessaan — of eeguudha.

✅ 1. Bilbila nama hundaaf hin kennin

Hiriyyaa, nama hojii, nama suphaa…
Yoo kennitan illee of eeggannoo godhaa.


✅ 2. Pattern fi Password yeroo yeroon jijjiiraa

Password jabaa (strong password) fayyadamaa:

  • qubee guddaa

  • qubee xixiqqaa

  • lakkoofsa

  • mallattoo addaa (@, #, $, fi kkf)


✅ 3. Save password Chrome keessaa cufaa

Google Chrome keessatti password save gochuu dhiisaa
Ykn security setting jabeessaa.


✅ 4. App Locker fayyadamaa

Aappii murteessoo akka:

  • Gmail

  • Facebook

  • YouTube

irratti AppLocker gochuun password dabalataa kaa’aa.


✅ 5. Two-Factor Authentication (2FA) fayyadamaa

Kunis security isa lammaffaa dha.

Yoo namni tokko password kee beeke illee,
koodii SMS ykn app irraa ergame malee seenuu hin danda’u.

Social media hundarratti 2FA banuun dirqama.


✅ 6. SIM Card keessan jabeessaa

SIM replacement ykn SIM swap balaadha.
Lakkoofsa bilbila keessan nama kamiyyuu hin kenninaa.


✅ 7. Bilbilli amala addaa yoo agarsiise

  • Ofumaan app buusu

  • Beekamtii hin beekne agarsiisu

  • Battery saffisaan fixu

format gochuun akka haarayatti eegaluun gaarii ta’a.


4️⃣ Yoo Password Keenya Hatame Maal Gochuu Qabna?

Yoo akka tasaa account keessan seenuu dadhabdan:

  1. “Forgot Password” fayyadamaa

  2. Email keessan jalqaba jabeessaa

  3. Lakkoofsa bilbila keessan jijjiiraa

  4. Social media support quunnamaa

  5. Yoo SIM hatame, masmara irraa cufsiisaa

Yeroo dheeraa hin turinaa. Hatattamaan tarkaanfii fudhadhaa.


Goolaba

Walumaa galatti:

Password jechuun furtuu jireenya dijitaalaa keeti.

Yoo ati of hin eegin, namni biraa si to’ata.
Yoo ati of eeggatte, nageenyi kee harka kee keessa jira.

Kanaaf:

  • Password jabaa kaa’i

  • 2FA fayyadami

  • Bilbila kee eegi

  • Email kee hin salphisin

Jireenyi keenya amma bilbila keessa jira —
kanaaf of eeguuniis dirqama.


Yoo barruun kun si fayyade:

Share godhi 
Namni biraa akka hin miidhamne gargaari.

Comments

Post a Comment

Popular posts from this blog

Kiriptoon Maali? Akkaataa Itti Fayyadama Kiriptoo

YouTube Jalqabuu Dura Waan Kana Beekuu Qabnu

Blockchain Maali?

Popular posts from this blog

Tiktok Bade Akkamiin Deebisna? | How To Secure Tiktok Account?

Watch Hours 4000 fi Subscribe 1000 Akkamiin Guuttanna YouTube Irratti?

Memory Corrupt Taate Akkamiin Sirreessina?