Yoo Umriin kee 20–30 jidduu tahe, Maallaqa Qusachuu Dura Waan Kana 4n Qabaadhu.


Yoo Umriin kee  20–30 jidduu tahe, Maallaqa Qusachuu Dura Waan Kana 4 Qabaadhu.


Ani "maallaqa qusachuun dogoggora" jechuu koo miti.

Garuu dargaggoonni hedduun, qabeenya uumuun dura, qusannoo qofaan hiyyummaa keessaa ba'uuf yaalu.

Kun garuu yeroo baay'ee hin hojjetu.

Yoo umriin kee 20–30 ta'e, duraan dursa waan kanneem 4 Ijaarrachuu qabda. 

1️⃣ Ogummaa Gabaa Keessatti Gatii Qabu (Marketable Skill)

Namni ji'atti qarshii 10,000 argatu keessaa yoo 500 qusate, Rakkoo isaa furuu hin danda'u. 

Rakkoon isaa guddaan galiin isaa xiqqaa ta'uu dha.

Kanaaf hojii kee jalqabaa:

Gatii Value kee dabali.

Gatii ofii Dabaluun maal jachuudha? Kana jachuun ammoo salpumatti, Ogummaan kee yommuu guddate, gatiin kee ni dabala.

Gatiin kee yommuu dabalu immoo,

carraan galii guddaa argachuu ni dabala.

Galiin kee yommuu dabalu,

qusachuunis salphaa ta'a.



2️⃣ Maallaqa Yeroo Rakkoo (Emergency Fund).


Jireenyi yeroo hunda akkuma yaannetti hin deemu ykn itti hin fufu. 

  • Bilbilli ni bada ykn ni saamama.
  • Hojiin ni dhabama.
  • Baasiin ati hin eegne ni dhufa.

Kanaaf, osoo invastimantii jalqabuu hin yaadin, yeroo rakkoon si mudatu namarraa liqeeffachuu malee of dandeessisuuf maallaqa qusadhu.


3️⃣ Madda Galii Amanamaa

Namoonni hedduun qusannoo qofa irratti xiyyeeffatu.

Garuu maallaqa baasan bakka buusuuf madda galii itti fufiinsa qabu hin qaban.

Kanaaf, duraan dursa madda galii yeroo dheeraaf amanamaa ta'e ijaaradhu.

Yeroo galiin kee tasgabbaa'u,

qusachuunis salphaa ta'a.


4️⃣ Naamusa Maallaqaa (Financial Discipline).


Nama tokkoof qarshii 100,000 kenni.

Yeroo gabaabaa keessatti hunda fixa.

Qarshii 1,000,000 yoo kennites,

Akkasuma ni fixa.

Rakkoo kana maallaqni hin furu.

Maallaqni eenyummaa fi amala namaa qofa ifa baasa.

Kanaaf, naamusa maallaqaa barachuun qabeenya caalaa barbaachisaa dha.


Goolabbii

Maallaqa qusachuun barbaachisaa dha.

Garuu,

Maallaqa argachuu, eegu fi baay'isuu dandeessuun caalaatti barbaachisaa dha.

Namoonni hedduun rakkoo qusannoo hin qaban.

Rakkoon isaanii inni guddaan:

• Galii gahaa dhabuu.

• Naamusa maallaqaa dhabuu.

Ati hoo yaada kana ni deeggarta moo na faalleesdita?

Mee Yaada kee comment keessatti barreessi. 


MurreTips, Founder & CEO of Tipulse

Iddoo Barnootaa, Ogummaa fi Carraa Haaraa



Post a Comment

0 Comments