Yeroo Guyyaa Keessaa Sa'aatii 24 Qofa Qabna.
Yoo galiin kee yeroo ati hojii dhaabduutti dhaabbate. Yeroo hunda sa'aatii wajjin dorgomaa jirta jachuudha.
Daldalli ogummaa qabu hojii kee qofaaf si hin kaffalu.
Hojii sana erga xumurtee boodas yeroo dheeraaf galii siif fiduu itti fufa.
Kunoo, Hojiiwwan Daldalaa 4 Osoo Raftuu Maallaqa Siif Argamsiisan Haala armaan gadiin isiniif tarreesseen jira :-
1️⃣ Oomisha Dijitaalaa Gurguruu
• Kitaaba dijitaalaa (eBook) barreessi.
• Koorsii online qopheessi.
• Templates uumii.
• Checklists fi guides Garaagaraa qopheessi.
Yeroo tokko ijaarta, Yeroo hedduu irra deddeebitee Gurgurta.
Bro ykn sis tiyya, wanti amma sitti himaa jiru kun jabaa sitti fakkaachuu danda'a.
Wanta akkana laafaa fi Qabeenya siif fidu hin jiru.
Akkamitti jachuu dandeessa, kana mara AI qofa fayyadamuun hojjatta.
Akkaataa kitaaba AI fayyadamuun itti maxxansinu wal duraa duubaan hijjadheera.
Ammuma Liinkii kanaan daawwadh :
AI Fayyadamuun Kitaaba Maxxansuu!
2️⃣ Software Ykn Tajaajila Subscription Qabu Ijaaruu.
Namoonni yeroo tokko qofa hin kaffalan.
Tajaajilicha itti fayyadamuuf ji'a ji'aan yookaan waggaa waggaatti kaffalu.
Kunis galiin yeroo hunda deebi'ee dhufu (Recurring Income) akka argattu si gargaara.
Moodeela daldalaa yeroo dheeraaf galii cimaa ijaaruu keessaa isa bu'a qabeessa ta'e keessaa tokko dha.
3️⃣ Affiliate Marketing
Innis omisha ykn tajaajila namoonni duraan barbaadan isaanii beeksisuu qogfa.
Namni tokko linkii referral kee fayyadamee yoo bite, komishinii irraa argatta.
Qabiyyeen har'a maxxansitu,
erga maxxanfamee booda illee yeroo dheeraaf gurgurtaa fi galii siif fiduu danda'a.
Malli kun ammoo Qabeenya kee Maxxansuu, Meeshaalee bituu dabalatee waan tokko sirraa hin barbaadu.
Wanti inni sirraa barbaadu yoo jiraate, Akkaataa itti fayyadamtu qofa.
Yoo guyyaa arraa irraa Affiliate Marketing fayyadamuun galii uummachuu barbadde, Koorsii isaa guutuu qopheesseen jira.
Ammuma Liinkii armaan gadiin seenii baradhu, Hojii eegali.
Affiliate Marketing Afaan Oromoo
4️⃣ Daldala Appii Mobaayilaa
Appii faayidaa qabu ijaari.
Rakkoo addaa tokko furuuf hojjedhu.
Karaa armaan gadiitiin galii argachuu dandeessa:
• Kaffaltii ji'aa (Subscription)
• Beeksisa (Ads)
• Bittaa Aappii keessaa (In-app purchases)
Yeroo namoonni appii kee itti fayyadamanitti, appichi galii itti fufsiisuu danda'a.
Dubbistoota kiyya Kabajamoo!!
Namoonni hedduun maallaqa argachuuf hojjetu.
Namoonni muraasni garuu sirna maallaqni isaanif hojjetu ijaaru.
Galii qofa hin ari'in.
Qabeenya galii itti fufiinsaan maddisiisu ijaari.
Yoo sa'aatii hojii kee ala galii argachuuf sirna ijaaruu irratti xiyyeeffatte, Sirana akka ijaartu ammuma waadaa ofii gali.
Goolabbii!!
Namoonni baayyeen maallaqa jala fiigu, gariin ammoo sirna ykn system ijaaran.
Warri system ykn sirna ijaaran ammoo yoomiyyuu warra milkaa'aniidha.
Atiis maallaqa jala fiiguu dhiistee sirna ijaaruu qabda.
Akkasiin maallaqa dhugaa argatta.
Galatoomaa!!

0 Comments