Dhugaa Hadhooftuu 7; Garuu Jireenya Namaa Jijjiirtu:-

Dhugaa Hadhooftuu 7; Garuu Jireenya Namaa Jijjiirtu:-



Badhaadhinni carraa qofaan hin dhufu. Kadhannaa qofaanis hin dhufu.

Inni kan dhufu yeroo ati murannoo cimaadhaan waan maatiin kee waggoota dheeraaf hojjechuu irraa fagaatan hojjechuu jalqabdu dha.

Yoo jireenya kee fi seenaa maatii kee jijjiiruu barbaadde, dhugaa hadhooftuu garuu bu'aa guddaa qabu kana fudhachuu fi hojii irra oolchuun dirqama.

Kunoo, dhugaa 7 jireenya namaa jijjiiruu danda'an.

1️⃣ Milkaa'ina qabaachuu kee dura akka waan milkooftee fakkaachuuf yaaluu dhiisi.


Maatiin hedduun Sababni hiyyummaa keessaa hin baaneef keessaa inni tokko, suuraa alaa (appearance) ijaaruu irratti xiyyeeffachuu isaanii malee bu'uura badhaadhinaa (infrastructure) ijaaruu irratti xiyyeeffachuu dhabuu isaaniidha.
Uffata qaalii, bilbila haaraa, bashannana, ayyaana fi baasiin biroos yeroo baay'ee maallaqa gara fuulduraatti gaabbii fiduun kaffalama.
Namoonni qabeenya guddaa ijaaran immoo yeruma jalqabaatti of agarsiisuuf hin ariifatan. Dursa dandeettii, ogummaa fi qabeenya isaanii ijaaru.
Yoo har'as namoota si gargaaruu hin dandeenye dinqisiifachuuf maallaqa baasaa jirta ta'e, hiyyummaa sanuma irra deebi'aa jirta.

2️⃣ Ogummaa Maallaqa Sitti Dhiyeessu Baradhu; Kan Nama Harka siif Rukuchiisu Qofaa Miti.

Ogummaan kee gurgurtaa, marii (negotiation), suuqii geessuu (distribution), gabaa beeksisuu (marketing), fi sirna hojii bal'isuu (leverage) waliin wal hin qabatu taanaan, namoonni si kabaju danda'u; garuu badhaadhuu goonkumaa hin dandeessu.
Seenaan maatii kee namoota cimaa hojjetan hin dhabne; garuu namoota ogummaa maallaqa uumu baratan dhabe.

3️⃣ Waan Ati yoo Hin Jirrellee Maallaqa SiifGalchu Ijaari.

Mindaan hojjetaa waan hamaa miti.
Garuu mindaa qofa irratti hirkachuun bilisummaa maallaqaa miti.
Qabeenyi maatii keessatti kan jalqabu yeroo namni tokko sirna hojii (system), oomisha (product), yookaan qabeenya (asset) ijaaree, inni osoo boqonnaa jiruus galii argamsiisu dha.
Sirni yoo hin jirre, keessaa bahuunis hin jiru.

4️⃣ Namoonni Si Hubachuu Dhabuu fi Yeroo Tokko Tokko Kophaa Deemuu Filadhu.

Namni jalqabaa maatii isaa keessatti badhaadhu yeroo baay'ee:
  •  "Of tuula."
  • "Nama hamaa ta'e."
  • "Carraan isaaf ta'e." jedhamee himatama.
Yoo yeroo hunda nama biraa irraa raggaasifamuu barbaadde, gara fuulduraatti tarkaanfachuu ni dadhabta.
Namoonni seenaa maatii isaanii jijjiiran jalqaba kophaa isaanii deemu; boodarra garuu namoonni hundi isaan duukaa bu'u.
Waaqni hojii kee haa eebbisu.

5️⃣ Amaloota Maallaqa Keessan Suuta Suutaan Fixan Dhabamsiisuudha. 

Baasiin yeroo hunda kaffaltu (subscriptions), bittaa yaada malee raawwattu, arjooma miiraan geggeeffamu, fi rakkoolee maallaqaa karoora dhabuu irraa dhufan suuta suutaan qabeenya kee xuuxu.
Hiyyummaan yeroo baay'ee sagalee guddaadhaan hin dhufu; suuta suutaan si gadi lakkisa.
Of to'achuu (discipline) qofatu karaa sana cufa.

6️⃣ Gorsa Maatii Qabeenya Hin Uumne Irra Deebi'uu Dhiisi.

• "Obsaan eegi."
• "Waan qabdu qofa jabeeffadhu."
• "Waaqni siif ni godha."
Gorsi kun namoota hedduu jiraachuu qofa barsiise; qabeenya ijaaruu garuu hin barsiifne.
Maanguddoota kee kabaji; garuu bu'aa isaanii gama maallaqaatiin jiru dirqamaan hin dhaalin.

7️⃣ Hiyyummaan Si Waliin Akka Dhaabbatu Murteessi; Ilmaan Kee Waliin Miti.

Namni miliyoonaa ta'e kamiyyuu tasuma akkas hin taane.
Hundumtuu murtoo cimaa irraa jalqaba; murtoo sana booda sababa dhiyeessuun hiika dhaba, hojii fi amalli immoo ni jijjiirama.

Dubbistoota kiyya Kabajamoo!!
Maatiin badhaadhe kamiyyuu guyyaa namni tokko seenaa duraanii irra deddeebi'uu dide irraa jalqabe.
Yoo mallattoo tokko eeggachaa turte, kun isuma sana.
Kaayyoo fi murannoo dhugaa waliin dubbadhu.
Waaqni hojii fi karoora kee haa eebbisu.
Dubbistoota koo kabajamoo,
Maatiin badhaadhe kamiyyuu guyyaa namni tokko seenaa hiyyummaa irra deddeebi'uu didee murannoo cimaa fudhate irraa jalqabe.
Yoo yeroo dheeraaf mallattoo tokko eeggachaa turte, kun mallattoo kee dha.
Har'a murteessi. Bor jijjiirami. Seenaa haaraa maatii kee keessatti ati jalqabi.
Waaqni hojii, murannoo fi karoora kee haa eebbisu.

Goolabbii 

Yoo ati nama seenaa maatii isaa jijjiiru ta'uu murteessite, iddoo yaadaa ykn vomment jalatti "HIYYUMMAA ANA IRRATTI DHAABBATA!" jedhii barreessi.
Maxxansa kana Save godhi, yeroo barbaadde irra deebitee dubbisuuf si fayyada. 
Namoota kaaniifiis qoodi; tarii jireenya nama tokko jijjiiruu danda'a.

Post a Comment

0 Comments