Dargaggoo!, Qabeenyawwan 3n Kana Dafii amma Ijaarradhu


Dargaggoo!, Qabeenyawwan 3n Kana Dafii amma Ijaarradhu


Mee kallattiidhaan Walitti haa dubbannu.

Kuni kaka'umsa ykn Motivation qofaa miti.

Kuni jechoota nama gammachiisaniis miti.

Yookaan, "Wanti hundi gaarii ta'a" jechuu miti.

Milkaa'uun jireenyaas carraa miti.

Sirna sirrii fi ijaarsa cimaa irratti hundaa'a.

Yoo qabeenya kee yeroo dargaggummaatti hin ijaarranne, yeroo waggaa 30 keessa jirtutti dogoggora waggaa 20 kee sirreessuutti yeroo kee fixxa.

Kunoo Qabeenyawwan 3 kan namoota sababaa dhiyeessan irraa adda baasan haala armaan gadiin Kaa'ameera. 

1️⃣ Dandeettii Maallaqa Siif Argamsiisu Qabaadhu.

Digriin gaarii dha.

Ragaan leenjiis gaarii dha.

Garuu...

Namni waan ati beektuuf maallaqa siif erguu danda'aa?

Yoo beekumsi kee maallaqa sitti fiduu hin dandeenye, faaya qofa ta'a.

Dandeettiiwwan kanneen akka; Rakkoo dhugaa furuu danda'u, Gatii uumuu danda'u, Namoonni kaffalanii bitachuuf fedhii qaban ijaaradhu.

Fakkeenyaaf:

• Barreessuu beeksisaa (Copywriting)

• Gurgurtaa (Sales)

• Digital Marketing

• Marii bu'a qabeessa geggeessuu (Negotiation)

• Dandeettii Teeknikaa

• Ogummaa Hojii (Trade Skill)

Namoonni yeroo dargaggummaatti milkaa'an, faayidaa isaanii yeroo dargaggummaatti agarsiisu.

Maallaqni nama faayidaa qabu kabaja.


Itti fufuu keenya dura, iddoo Yaadaa Ykn Vomment keessatti "BARACHAA JIRA" jedhii barreessi.

Hagama akka Barnootaaf qophaa'aa tahuu kee naaf mirkaneessa.


2️⃣ Naamusa (Discipline) Miirarraa Osoo Hin Taane Kan Yeroo Hundaa Turu.

Dandeettiin (Talent) yeroo baay'ee miiraan hojii jalqabsiisa.

Naamusni (Discipline) garuu sirna jireenyaa dha.

Yoo yeroo kaka'umsi siitti dhaga'amu qofa hojjatte, sadarkaa giddu galeessaa irraa ol hin baatu.

• Yeroo ofitti waadaa galte dammaqi.

• Waan jalqabde xumuri.

• Hojii hunda caalaa ulfaataa ta'e dura hojjedhu.

Sababni isaas dhugaan akkana:

Dorgomtoonni kee sirra caalaa ogeeyyii ta'anii miti.

Isaan si caalaa hojii isaanii itti fufiinsaan hojjetu.

Itti fufiinsi xixiqqaan guyyaa guyyaan godhamu, yeroo dheeraa keessatti bu'aa guddaa uuma.



3️⃣ Walitti Hidhamiinsa (Network) Daangaa Milkaa'ina Kee Bal'isuu.

Naannoo keessa jirtu qofaan ofii kee qofaatiin guddattee ol ba'uun salphaa miti.

Yoo hiriyoonni kee hundi:

• yeroo hunda komatan,

• nama kaayyoo guddaa qabutti qoosan,

• sodaa qofaan jiraatan,

• jireenya giddu galeessaa kabajan,

Ati illee suuta suutaan isaan fakkaatta.

Kanaaf, hariiroo kee namoota kana wajjin ijaaradhu:

• Namoota ijaaran (Builders)

• Namoota yaadan (Thinkers)

• Namoota hojii raawwatan (Executors)

• Namoota naamusa cimaa qaban (Disciplined Men)

Yeroo baay'ee, hanga galiin kee guddataa deemu, namoota ati waliin deddeebituun murtaa'a.


Obboleessa koo,

Jireenyi carraa qabdu qofaaf badhaasa hin kennu.

Nama of qopheesse badhaasa.

Yoo qabeenyawwan 3 kana yeroo dargaggummaatti ijaarratte:

• Carraa kadhachuun si hin barbaachisu.

• Dorgommii hin sodaatu.

• Umrii waggaa 35tti jireenyaaf hin naatu.

Yoo ergaan kun garaa kee tuqe,

💬 Yaada keessatti "DURAAN IJAARA" jedhi barreessi yoo egeree kee wajjin taphachuu dhiifte.

— Murre Tips CEO & Founder tipulse.com

Post a Comment

0 Comments