Beekkamuun Dura Beekuu — Dhugaa Dhaloonni Har’aa Dagate
Beekkamuun Dura Beekuu — Dhugaa Dhaloonni Har’aa Dagate
Saba keenya keessatti yeroo ammaatti wanti baay’een mul’atu tokko jira:
Namoonni hedduun beekkamuu barbaadu; beekuu garuu hin dursan.
Beekkamuun nama hawwata.
Maqaan kee akka dhaga’amu.
Namoonni si hordofan akka baay’atan.
Suuraa kee akka jaalatamu.
Garuu gaaffiin guddaan tokko jira:
Beekkamuun beekumsa dura yoo dhufe maaltu ta’a?
Barreeffama kana keessatti:
-
Maalummaa beekkamuu maal akka ta’e,
-
Bu’aa isaa maal akka ta’e,
-
Miidhaa beekumsa malee beekkamuu hordofuu keessaa jiru,
-
Akkasumas maaliif beekuun bu’uura waan hunda ta’e
wal duraa duubaan ilaalla.
Beekkamuu jechuun maali?
Beekkamuu jechuun karaa kamiyyuu fayyadamuun namoota biratti mul’achuu dha.
Yeroo amma kana karaaleen beekkamtii itti argatan baay’ee babal’ateera, garuu hedduun isaanii lamaan irratti hunda’u:
1️⃣ Namni si dura hordoftoota qabu yoo si beeksise
Namni beekamaan tokko yoo maqaa kee kaase, hordoftoota isaa biratti si beeksise, siif karaa gabaabaa ta’a.
2️⃣ Sooshiyaal miidiyaa mataa keetiin tattaaffachuun
Ogummaa kee agarsiisuun, suuta suuta hordoftoota horachuun, maqaa kee ijaaruun beekkamtii fiduu dandeessa.
Karaaleen lamaan kun bu’aa qabu. Garuu miidhaa isaas of keessaa qabu.
Bu’aa Beekkamuu
Yoo beekkamtii sirnaan ijaarte:
-
Beeksisa hojjechuun galii dabalataa argachuu dandeessa
-
Namoota biratti kabajaa fi jaalala argatta
-
Hordoftoota baay’achuun amanamummaa siif uuma
-
Carraa hojii fi walitti dhufeenya siif banuu danda’a
Addunyaa dijitaalaa keessatti namni beekamaan carraa hedduu qaba.
Garuu…
Kun hundi tokko irratti hunda’a — bu’uura kee.
Miidhaa Beekkamuu Beekumsa Malee
Yoo beekkamtii beekumsa malee hordofte, rakkoon suuta suuta mul’ata.
Namni tokko osoo:
-
Ogummaa hin qabne
-
Muuxannoo hin qabne
-
Of hin beekiin
beekkamuu yoo jalqabe, miidhaan isaa daangaa hin qabu.
Miidhaalee muraasni:
-
Hanqina maallaqaa (beekkamuu qofa maallaqa hin uumu)
-
Ogummaa nama biraa fakkeessuu ykn humnaan seenuu
-
Haasaa sirnaan ibsuu dadhabuu
-
Of tuulummaa fi of ol kaasuu
-
Qeeqa fudhachuu dadhabuu
-
Sodaa keessaa jiraachuu (“akka hin saaxilamne”)
Beekkamtii malee beekumsa hin qabne jechuun:
Mana bu’uura hin qabne irratti ijaaruu dha.
Suuta suuta ni caccaba.
Beekuu jechuun maali?
Beekumsi bu’uura waan hundaati.
Beekuu jechuun:
-
Of beekuu
-
Maalummaa ofii hubachuu
-
Maaliif akka jiraattu beekuu
-
Ogummaa kee adda baafachuu
-
Wantoota ijoo irratti xiyyeeffattee of guddisuu
Namni beekkamtii qabaateef beekaa ta’uu dirqama miti.
Garuu namni beekumsa kuufate — yeroo tokko beekkamuu ni danda’a.
Beekkamtiin ariitii ta’a.
Beekumsi immoo jabina.
Maaliif dhaloonni har’aa beekuu dursa qaba?
Yeroo amma kana sooshiyaal miidiyaan namoota beekamoo daqiiqaa muraasa keessatti uuma.
Garuu namoota cimaa ijaaruu yeroo fudhata.
Namni beekkamuu dursa godhu:
-
Nama ilaalamu ta’a
-
Garuu yeroo dheeraa hin turu
Namni beekuu dursa godhu:
-
Nama amanamu ta’a
-
Yeroo dheeraa ni dhaabbata
Kanaaf dhaloonni amma jiru kun:
Beekkamuu dura caalaa beekumsa irratti hojjechuu qaba.
Ati maal filatta?
Beekkamtee osoo bu’uura hin qabne kufuu?
Ykn beekumsa kuufattee yeroo sirrii irratti beekkamuu?
Filannoon kee har’a murteessa boru kee.
Goolaba
Walumaa galatti,
Beekkamuu qofaaf dhama’uun caalaa waan beekkamuu qabduun beekuun filatamaadha.
Beekkamtee “broke” ta’uu irra,
Beekumsa kuufattee yeroo dheeraa ijaaruun wayya.
Kanaaf:
Beekkamuu caalaa beekuu irratti xiyyeeffadhu.
Yeroo ati jabaatte, beekkamtiin ofii isaa si barbaada.

Comments
Post a Comment