YouTube Jalqabuu Dura Waan Kana Beekuu Qabnu

YouTube Jalqabuu Dura Waan Kana Beekuu Qabnu


Namoonni baayyeen YouTube eegaluu barbaadu sababni isaas, Maallaqaaf ykn Immoo fedhii isaa qaban ykn namoota biroo irratti waan arganiif qofa. Garuu erga eegalanii booda, yeroo gabaaba keessatti abdii muratu. 

Haa tahuu malee, YouTube akkuma nama skill ykn ogummaa biraatti barachuun Dirqama, iccitii fi mala isaa sirriitti beekuun milkaa’ina kee keessatti murteessaadha.

Kanaaf, barnoota YouTube guutuu bilisaan isiniif qopheesseera. Koorsii kana keessatti, akkamiin YouTube karaa sirriin akka eegaluu dandeessan, akkasumas iccitiiwwan YouTube mara wal duraa duubaan isiniif Ibsa.

Koorsii kana erga xumurtee booda, dogoggora tokko malee YouTube irratti milkoofta, galii namoonni biroo irraa argatan caalaa dachaa 3–5 fi isaa Ol irraa argachuu dandeessa, akkasumas  qabiyyeen kee viral ta’ee namoota hedduu bira siif gaha.

Kanaaf, yoo qophooftee, gara barnootaatti haa ceenu!

Kun immoo Paartii Jalqabaa Barnoota Koorsii YouTube keenyaati, Paartii Kana Keessatti Immoo YouTube jalqabuun Duratti Waan Dirqama Beekuu qabnu 5 wal duraa duubaan isiniif kayeera.
Wantoonni 5 amma isiniif himu kun Baayyee murteessaa fi akkaan Barbaachisaadha.

Wantoota 5nan kana Hin beektu taanaan, ykn immoo irraanfattee youtube egalte taanaan, carraan youtube irratti milkaa’uu, Galii Dachaan Argachuu fi vidiyoon ati maxxansitu Viral bahuu dhabuun rakkatta.

So, Rakkoowwan kana irraa of eeguuf Dirqama Wantoota 5nan armaan Gadii kana Beekuun Baayyee Murteessaadha.

1. Email lafa ture Qabaachuu.


Akkuma Beekkamu Namni Kamiyyuu Chaanaalii YouTube Banachuuf Email\Gmail Mataa isaa qabaachuun Dirqama. Garuu Email Qofa Qabaachuun YouTube irratti nama Hin Milkeessu, YouTube akkuma Geemii System ykn Mala Addaa Fayyadamuun Eegaluun Dirqama Namoonni Baayyeen YouTube yeroo eegalan Kallattumaan Email Banachuun Chaanaalii Mataa isaanii banatu, Haa tahuu malee YouTube banachuuf Dirqama Email keenya yoo xiqqaate torbee lamaa fi isaa Ol osoo Chaanaalii YouTube hin banatin Turuun iccitii Carraa YouTube irratti Milkaa'uu guddisuudha. Kanaaf Erga Email mataa keenyaa banannee torbee lamaaf i haga sadii osoo Chaanaalii YooTube hin banatin Turuu qabna.

2. Channel Banachuu fi Torbee 1 ol turuu.


Kuniis Mala Addaa YouTube irratti Qabiyyeen Keenya akka Viral Tahuuf ykn namoota hedduu bira gahuuf nu Gargaaruudha.
akkuma Email ykn Gmail Banannee Torbee tokkoo fi Isaa ol Osoo Chaanaalii Itti hin banatin tursinu, YouTube keenyaas osoo Qabiyyee ykn Vidiyoo irratti Hin maxxansin torbee tokkoo fi isaa ol tursiisuu qabna.
kuniis mala lammaffaa YouTube irratti saffisaan guddachuuf nu gargaaruudha.

3 Niche ykn Mata Duree adda baasuu.


Niche yookaan Mata duree Gaarii Filachuun Chaanaalii keenyaaf Bu'aa baayyee qaba, Maammaltoota Gaarii argachuu, galii dabalataan argachuu fi akkasumas Jaalatamummaa guddaa fi Guddina Yeroo dheeraatiif Baayyee Murteessaadha. haa tahuu malee Saboonni keenay bayyeen kana hin hubanne, Waa'ee kanaa irratti Video Guutuu hojjadheera, Yoo dhugumaan Gadi fageenyaan bartee namoota kaan irraa adda tahuu barbaadde Video armaan Gadii Kana Daawwadhu : Video Guutuu Liinkii Kanaan Argattu : Guutuu Video

4. Waa’ee Niche keenya Search gochuu fi daawwachuu.


Malli kun immoo mala akkaan Bareedaa fi namoonni baayyeen dafanii itti guddataniidha, kana jachuun YouTube waan ati barsiistuu ykn hojjattuu fi kan ati daawwattu irra dhaabbachuun qabiyyee kee beeksisa. kanaaf Osoo qabiyyee kamiyyuu karaa sooshiyaal miidiyaa keetii hin eegalin chaanaalii kee Active godhuun dirqama. Active kana godhuuf immoo Qabiyyee namoota akka keetii irratti xiyyeeffachuun, Daawwachuu, Like tuquu fi akkasumas Maatii isaanii tahuuni.

5. Email keenya Verify godhuu.


inni Bareedaa fi Dhumaa immoo Email keenya verify godhuudha, Email keenyaVerify yoo hin goone chaanaaii keenya irraati Dhiibbaa garaagaraa qaba, sanneen keessaa kanneen armaan gadii isaan ijoodha.

Thumbnail Maxxansuu Dhoorkuu :

Thumbnail gaafa Jannu suuraa xiqqaa erga video maxxansinee irratti ol baasnuudha, kuniis immoo hordoftoota harkisuu fi Beeksia video keetiif baayyee murteessaadha. kana gochuuf immoo Email keenya verify gochuun dirqama. Video Dheeraa Maxxansuu Dhoorkuu:

Kuniis seera YouTube keessatti Bakka guddaa qaba, Chaanaalii banattee video dheeraa daqiiqaa 10 fi 15 ol maxxansuuf Dirqama Email kee verify godhuun Chaanaalii kee waliin dirqama.

Security

inni dhumaa fi akkaan Gaarii immoo Eegumsa Email keenyaa fi YouTube keenyaati. Email keenya verify godhuun immoo akka kana irra aanuufiis nu fayyada.

Goolabbii

Walumaa Galatti Chaanaalii YouTube banattee osoo hin Jalqabin Seerota shanan armaan olitti dubbanne kana hojiirra oolchuun dirqama.
innis YouTuberoota hunda irraa akka adda taatuuf, Galii dachaan argattuuf, akkasumas saffisaan akka guddattuuf si gargaaara.

Post a Comment

0 Comments