Of Gaggeessuu (Self-Leadership)

 

Of Gaggeessuu (Self-Leadership)

Jireenya keessatti gaggeessuummaan gosa hedduu qaba. Garuu isaan hunda keessaa kan bu’uuraa fi isa jalqabaa kan ta’e of gaggeessuu (self-leadership) dha. Of gaggeessuun osoo hin jiraatin, nama biraa gaggeessuun hin danda’amu.

Ogeeyyiin gaggeessummaa hedduun akka ibsanitti, of gaggeessuun:

  • gaggeessummaa hunda dura dhaabbatu,

  • kan salphaatti hin hojjetamne,

  • fi dandeetti guddaa barbaadu dha.

Of gaggeessuun imaammata mataa ofii qabaachuu fi toftaalee of ijaaruudha. Toftaalee kana guddisuun dandeetti of gaggeessuu keenya ni dabala.


Toftaalee Ijoo Of Gaggeessuu

1. Of Beekuu (Self-Awareness)

Of beekuun bu’uura of gaggeessuu ti. Inni kun:

  • akka nama dhuunfaatti galma fi hawwii jireenya ofii beekuu,

  • dadhabina fi cimina ofii adda baasuu,

  • of madaalaa deemuu,

  • namoota biraa irraa yaada deebii (feedback) fudhachuu of keessatti qabata.

Namni of hin beekne, of gaggeessuu hin danda’u.


2. Of Hoggannuu (Self-Management)

Of hoggannuun dandeetti:

  • yeroo ofii sirnaan bulchuu,

  • miira ofii too’achuu,

  • hojii fi jireenya wal madaalsisuu dha.

Kana guddisuuf toftaalee gargaaraan:

  • ofitti dubbachuu gaarii (positive self-talk),

  • hiriyoota amanamoo irraa feedback fudhachuu,

  • galma fi abdii keenya fakkii irratti kaa’uu (vision/visual board) dha.


3. Of Sii’eessuu (Self-Motivation)

Si’inaaf wanti barbaachisaan guddaan galma ofii ifatti beekuu dha.

Si’ina = Galma + Humna (Energy) + Hojii xiqqaa irraa eegalanii itti fufuu

Of sii’eessuun nama dadhabbii keessatti hin dhaabne, garuu itti fufu godha.


4. Of Guddisuu / Of Barsiisuu (Self-Development)

Namni of gaggeessu:

  • guyyuu dubbisa,

  • leenjii adda addaa fudhata,

  • namoota beekamoo fi muuxannoo qaban irraa gorsa argata,

  • mentor qabaata.

Of guddisuun hojii guyyaa tokkoo osoo hin taane, adeemsa jireenyaa guutuu dha.


5. Of Gamaaggamuu (Self-Reflection)

Of gamaaggamuun:

  • guyyuu of gaafachuu,

  • waan gaarii fi hanqina ofii adda baasuu,

  • jireenyi keenya gara eessa akka deemaa jiru hubachuu dha.

Namni of hin gamaaggamne, dogoggora isaa irra deddeebi’a.


Akka Waliigalaatti: Toftaalee Dandeetti Of Gaggeessuu Guddisan

Dandeetti #Of_Gaggeessuu keenya guddisuuf tooftaalee armaan gadii fayyadamaa:

  1. Mul’ataa fi galma ofii haala SMART ta’een kaa’achuu

  2. Yeroo keenya Matrix of Urgent and Important fayyadamuun sirnaan hogganuu

  3. Bilchina miiraa (Emotional Intelligence) ofii guddisuu

  4. Nama har’aa irraa kaanee:

    • bor eessa gahuuf akka deemnu,

    • addunyaan gara eessa akka deemaa jirtu beekuu
      (Proactive ta’uu)


Goolabbii

Of gaggeessuun injifannoo alaa dura, injifannoo ofii dha. Yoo of hogganne, jireenya keenya ni hogganna; yoo jireenya keenya hogganne immoo, kaayyoo keenya ni milkeessina.

Mee bara Haaraa kanatti Maal milkeessuuf Of Hogganaa Jirta.
yaada kees Nuuf Qoodi.

Post a Comment

0 Comments