Wantoota 3 Goonkumaa Dubbachuu hin qabne.

 


Wanti hunduu labsamuun isa hin barbaachisu.

Wanti hunduu mirkaneessa (validation) namarraa argachuun hin barbaachisu.

Wanti hunduu hordoftoota ykn daawwattootaaf himuun hin barbaachisu.

Waantonni tokko tokko yeroo caldhisanii guddatan caalaatti tolu. 

Namoonni baay'een osoo yeroon isaa hin ga'in dursanii dubbachuun deemsa guddina isaanii duubatti harkisaniiru.

Atiin barreeffama kana dubbisuu carraa argatte, waantota 3n armaan gadii haga xumurtutti goonkumaa ifa hin baasin :-



1️⃣ Tarkaanfii Kee Kan Itti Aanu (Your Next Move).


Namoonni baay'een akkuma yaadni haaraan tokko sammuu isaaniitti dhufeen, battaluma sanatti facaasuu (labsuu) jalqabu. Hiriyootatti himu, marsariitii hawaasaa irratti maxxansu, yaada namootaa barbaadu, akkasumas namni biraa akka isaaniif mirkaneessu barbaadu.

Haa ta'u malee, yaadni sun jalqaba irratti baay'ee laafaadha.

Yaadonni tokko tokko sababa baay'ee ifa ba'aniif xiyyeeffannoo argatanii, garuu hojiitti osoo hin hiikamin dhumaniiru.


Jalqaba ijaari (hojjedhu). Sana Booda beeksisi.


2️⃣ Galmawwan Kee (Your Goals).


Galma qabaachuu fi galma kee beeksisuu (faarsuu) gidduu garaagarummaa guddaatu jira. Waa'ee galma keetii baay'ee dubbachuun, akka waan milkaa'ina guddaa argattetti miira sobaa sammuu keetti uumuu danda'a.

Hojaadhaaf akka fiigdu sitti dhaga'ama... garuu lafa jirtuu hin sochootu.


Firii keetu fedhii fi kaayyoo kee caalaa ol ka'ee dubbachuu qaba.



3️⃣ Milkaa'ina Kee (Your Success).


Yeroo ati mo'attu namni hunduu sitti hin gammadu. Namni hunduu guddina keetiif hin kadhatu. Namoonni tokko tokko uummata duratti si faarsanii, dhuunfaatti garuu si waliin dorgomu.

Hundaafuu guutummaatti dhokachuu hin qabdu. Garuu, mi'aa fi gatiin milkaa'inaa caldhiinsaan akka dhufu baradhu.


💡 > Sanyiin kamiyyuu osoo lafa irratti hin ba'in dura, lafa jala (dachee keessatti) guddachuu jalqaba. Iyyi fi iyyansi waan baay'ee balleessu, caldhiinsi garuu ni eega.



Yoo odeeffannoon kun si fayyade, mallattoo jaalalaa fi akkasumas "Barachaan jira❤️" jedhii yaada kee nubiraani gahi, akkasumas namoota biroof akka fayyaduuf qoodi (share) godhi.

Waliin haa barannu, waliinis haa guddannu


BY murre tips 🫶🫡

Post a Comment

0 Comments