Dogoggorawwan gurguddoo namoonni baay'een hojjatan keessaa tokko, daldala jalqabuuf Dukkaana (suuqii) qabaachun dirqama jedhanii amanuu isaaniiti.
Maallaqa Kiraa Yaaduu, Meeshaalee,
Kaapitaala ittiin jalqaban barbaaduu fi akkasumas haala mijjataa taa'anii eegu.
Haa ta'u malee, yeroo ammaa kanatti namoonni tokko tokko bilbila, iddoo ykn sarara interneetii qofaan daldala dhuunfaa isaanii geggeessuun maallaqa argachaa jiru.
Gurgurtaa ykn daldala osoo suuqii hin barbaachisin guddachuu danda'an 4n keessaa inni jalqabaa :-
1️⃣ Oomishaalee Diijitaalaa (Digital Products).
E-books (Kitaabota diijitaalaa), Suuraalee qophaa'an (templates), koorsiiwwan, qajeelfamoota, fi tarreeffamoota check-list adda addaa.
Yeroo takka qofa uumta, irra deddeebi'uun Maammiltoota danuuf gurgurta.
Fakkeenya yoon siif kaasu Website keenya (tipulse.com) yoo fudhatte, Dukkaana ykn suuqii malee tajaajiloota adda addaa maammiltootaaf kennaa jirra.
Suuqii sin barbaachisu.
Kuusaa meeshaa (warehouse) hin barbaachisu.
Wanti si barbaachisu qulqullina dubbichaa (value) fi hordoftoota dhimma sana fedhan qofa si barbaachisa.
Ittii fufuuf qophiidhaa? 😀
Waantota sadan hafan argachuuf "itti fufi" jedhii naaf barreessi!
2️⃣ Daldala Tajaajila Irratti Hundaa'e (Service-Based Business).
Giraafik Dizaayinii (Graphics design), viidiyoo gulaaluu (video editing), barruu beeksisaa barreessuu (copywriting), miidiyaa hawaasaa bulchuu ykn manage godhuu, websayitiwwan dizaayin godhuu Dabalatee of keessaa qaba.
Namoonni dandeettii keetiif guyyaa guyyaan kaffaltii ni raawwatu.
Dandeettiin kee immoo galii sitti fiduuf suuqii qaamaan dhaabbattu sin gaafatu.
Wanti sirraa eeggamu Dandeettii (Skill) kanneen barachuun hojii eegaluu qofa.
Gara 3ffaa fi isa xumuraatti darbuuf qophiidhaa? Itti fufi jedhii naaf barreessi!
3️⃣ Meeshaalee Alaa Fiduu fi Interneetii Irratti Gurguruu (Importation & Online Reselling)
Yeroo hundaa meeshaaleen ati gurgurtu kuusaa kee keessa guutanii akka jiraatan gochuun si hin barbaachisu.
Namoonni baay'een osoo suuqii hin bitin ykn hin kireeffatin dura, meeshaalee adda addaa toora interneetii irratti gurguru.
Oomishta sirrii fi beeksisa (marketing) gahaa ta'een, bilbilli kee suuqii kee isa guddaa sitti ta'uu danda'a.
Wanti kun mala waan barbaafuuf Karaa YouTube kiyyaan Ballisee isiniif qooda.
4️⃣ Beeksisa Wal-tahiinsaa (Affiliate Marketing).
Ati oomishta sana hin uumtu. Gurgurtaafis hin feetu ykn hin geessitu. Kuusaa meeshaallee qabaachuun sin barbaachisu.
Hojiin kee Mana kee teessee bittoota fi gurgurtoota wal quunnamsiisuun kaffaltii komishinii (commission) argachuu qofadha.
Barnoota kanaa ammoo Gutuu qopheesseen jira.
Yoo haala gaariin mana kee teessee affiliate marketing irraa galii argachuu barbaadde, ammuma liinkii kanaan eegali
Link: ➡️ Affiliate Marketing
Kabajamtoota Dubbistoota kiyya :)
Namoonni baay'een osoo wanti isaan barbaachisu maamiltoota (customers) ta'ee jiruu, isaan garuu suuqii eegaa jiru. Sababni isaas, daldalli kan guddatu rakkina hiikuu irraan kan ka'eedha malee, Gamoo qabachuunii miti.
Osoo waa'ee suuqii kireessuu hin yaadin dura...
Gurgurtaa fiduu akka dandeessu mirkaneeffadhu.
Daldalli suuqii hin qabne jiraachuu danda'a.
Garuu Dukkaanni (suuqiin) maamila hin qabne gonkumaa jiraachuu hin danda'u.
Yoo odeeffannoon kun si fayyade, mallattoo jaalalaa fi akkasumas "Barachaan jira❤️" jedhii yaada kee nubiraani gahi, akkasumas namoota biroof akka fayyaduuf qoodi (share) godhi.
Waliin haa barannu, waliinis haa guddannu
BY murre tips 🫶🫡

0 Comments