Kiriptoon Maali? Akkaataa Itti Fayyadama Kiriptoo

Kiriptoon Maali? Akkaataa Itti Fayyadama Kiriptoo

Seensa

Addunyaan yeroo ammaa gara dijitaalaaatti ce’aa jirti. Maallaqni aadaa qofa osoo hin taane, kiriptoon (Cryptocurrency) jedhamu immoo akka carraa haaraa investimantii fi daldalaatti babal’achaa jira. Garuu namoonni baay’een gaaffii tokko qabu: Kiriptoon maalidha? Akkamitti fayyada? Balaa qabaa moo carraa gaariidhaa? Barreeffamni kun deebii guutuu fi salphaa siif kenna.

Kiriptoon Maali?

Kiriptoon jechuun maallaqa dijitaalaa kan interneetii irratti hojjetu, mootummaa ykn baankii tokkoon kan hin to’atamne Jachuudha. Teknolojii addaa kan Blockchain jedhamu fayyadama, kunis daldala fi sochii kiriptoo hundaa iftoominaa fi nageenyaan galmeessa.

Fakkeenya kiriptoo beekamoo haala Armaan Gadiin isiniiif Kaayeera:

  • Bitcoin (BTC)

  • Ethereum (ETH)

  • USDT (Tether)

  • BNB, Solana, Cardano fi kkf

Blockchain Maali?

Blockchain jechuun galmee dijitaalaa (ledger) kan sochiiwwan hundaa iftoominaan kuusu dha. Odeeffannoon tokko yeroo blockchain irratti galmaa’e, haquun ykn jijjiiruun baay’ee ulfaataa dha. Sababaa Kanaaf kiriptoon amanamummaa fi nageenya Guddaa qaba.

Akkaataa Kiriptoo Itti Fayyadaman

Kiriptoo fayyadamuuf karaa adda addaatu jiru, isaan Keessaa Kanneen Muraasa Haala armaan Gadiin isiniif kaayeera:

1. Maallaqa Erguu fi Fudhachuu

Kiriptoo fayyadamuun maallaqa daqiiqaa muraasa keessatti biyyaa gara biyyaatti erguu dandeessa, kaffaltiin baankii irraas gadi aanaa dha. Saffisa guddaa fi secondii Muraasa keessatti iddoo Barbaaddetti erguu fi fudhachuu dandeessa. 

2. Investimantii (Investment)

Namoonni baay’een kiriptoo akka investimantiitti fayyadamu. Gatiin kiriptoo yeroo dheeraa keessatti dabaluun bu’aa guddaa argamsiisuu danda’a.
Yeroo baayyee namoonni maallaqa isaanii Bakka kuusaa godhachuun tajaajilamu, haa tahuu malee akkuma Bu’aa guddaa qabu balaa guddaas qabaachuu danda’a.
Maallaqa akka investment kiriptoo irratti fayyadamuuf Beekumsa Kiriptoo kana gadi fageenyaan Beekuun Murteessaadha.

3. Daldala (Trading)

Kiriptoo gabaa keessatti bituun fi gurguruun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa argachuun ni danda’ama. Garuu beekumsa fi of eeggannoo barbaada. Daladala yKn Trading irrattiis Namoonni baayyeen Multi Millionaire tahaa jiru, Kuniis akkuma Bu’aa Qabu Balaan isaas Guddaadha.
Kanaaf Muuxannoon ala itii seenuun hin Gorfamu.
Yoo Barnoota Trading Barbaadde Afaan Oromoon Guutuu isaa Qopheesseen jira, Barnoota kana Keessatti jalqabaa haga dhumaa akkaataa Trading itti barattu Koorsii Guutuu viidiyoo armaan Gadii keessatti Qopheesseen jira.
Guuyyaa arraa Barnoota isaaa Liinkii Kanaan Eegaluu Dandeessa.

4. Hojii Online fi Kaffaltii

Weebsaayitii fi tajaajiloonni muraasni kiriptoo akka kaffaltiitti fudhatu. Kunis hojii dijitaalaa irratti faayidaa guddaa qaba. Kana yeroo jannu Yeroo Hojii Online gara Website ykn immoo Wantoota tokko tokkos bitachuu barbaadde, kafaltii kee salpumatti karaa Kiriptoon daqiiqaa keessatti xumuruu dandeessa jachuudha. Yoo Hojii Online hojjatttees maallaqa kee saffisaan gara wallet kiriptoo keetii fudhachuu dandeessa jachuudha.

Akkamitti Kiriptoo Jalqaban? (Namoota Haaraaf)

Tartiiba Salphaa:

  1. Wallet Kiriptoo Banachuu (fkn: Trust Wallet, MetaMask)

  2. Wallet Exchange Banachuu (fkn: Binance, OKX)

  3. Kiriptoo Bitachuu (BTC, USDT, kkf)

  4. Barachuu fi Shaakala Godhuu

Gorsa: jalqabarratti erga Barattee xumurtee Maallaqa Muraasaaan Jalqabuu hin dagatin

Faayidaa Kiriptoo


Kiriptoon Faayidaalee Gurguddaa armaan Gadii qaba:

  • Baankii malee hojjetti

  • Daldala saffisaa fi salphaadha

  • Carraa investimantii guddaa qaba

  • Iftoominaa fi nageenya qaba

Balaa Kiriptoo

Kiriptoon akkuma Bu’aa Guddaa Qabu, Miidhaa armaan Gadiis Qaba:

  • Gatiin saffisaan ol fi gaditti jijjiirama

  • Scam fi gowwoomsaa baay’ee qaba

  • Beekumsa malee seenuun kasaaraa geessisa

Gorsa :  Kanaaf barachuu fi of eeggannoo gochuun dirqama.

Kiriptoon Seera Qabeessaa Dha?

Seerri kiriptoo biyya biyyaatti adda adda. Biyyoota muraasa keessatti eeyyamamaa dha, kan biraatti immoo daangaa qaba. Kanaaf seera biyyaa kee beekuun barbaachisaa dha. Biyyoota addunyaa kana irraa yoo ilaalle kanneen kiriptoon itti hayyamamaa fi hayyamamaa hin taane hedduutu jira. Kanaaf akka Biyya keetitti ykn Biyya keessa jirtuutti qorattee fayyadamuun Balaa irraa nu oolcha.

Gorsa Barbaachisaa Namoota Haaraaf


Yoo haaraa taatee amma gara Kiriptoo dhufte, Gorsi armaan Gadii Balaa kiriptoon sitti fidu irraa si ittisa :

  • Hin Jarjarin

  • Nama hin amanamin hin hordofin

  • "Bu’aa saffisaa" jedhu irraa fagaadhu

  • Barnoota dura Baradhu

Goolabbii

Kiriptoon carraa guddaa qaba, garuu balaa mataa  isaas qaba. Namni beekumsa, obsaa fi of eeggannoo qabu carraa kana fayyadamuu danda’a. Yoo sirnaan baratte, kiriptoon jireenya kee jijjiiruu danda’a.

Yoo barreeffamni kun si gargaare ta’e, qoodii fi yaada kee nuuf dhiisi.

Waan dubbisteef Galatoomi!!


Comments

Popular posts from this blog

YouTube Jalqabuu Dura Waan Kana Beekuu Qabnu

Blockchain Maali?

Popular posts from this blog

Tiktok Bade Akkamiin Deebisna? | How To Secure Tiktok Account?

Watch Hours 4000 fi Subscribe 1000 Akkamiin Guuttanna YouTube Irratti?

Memory Corrupt Taate Akkamiin Sirreessina?