Barreeffama Biloogii kana keessatti keessatti,Maalummaa Personal Branding maal akka tahe, akkaataa maqaa dhuunfaa (Personal Branding) Keessan to’achuu itti dandeessan tartiibaan isinittiin agarsiisa. Bu’uura irraa jalqabuun — (brand) maal akka ta’e ni Hubanna, eenyu akka taate of ibsuu, fi haala namoonni si hubatanii fi si amananiin Akkamiin akka Brand Ga dhaabnuus Wal duraa duubaan kan ilaallu tahai ,Dabalataan immoo akkamiin Maqaa Brand kee Fayyadamuun immoo Galii akkamiin akka Argattuus Koorsii kana keessatti waliin ilaalla.
Xumura mata duree kanaa irratti, carraa Jala fiiguu ykn Ari’uu mannaa haala hawwataa ta’een akkamitti akka of dhiheessitu sirriitti Barta. Maqaa dhuunfaa (Personal Branding) balbala banu, amantaa ijaaru, fi dhiibbaa kee guddisu ni qabaatta — kun hundi har’a irraa eegaleeti.
Kanaafuu, yoo Brand siif hojjetu, Galii irraa argattu ijaaruuf qophoofte... baga nagaan dhufte.Tartiibni Jalqaba Koorsii Personal Brand asii eegala.
(Personal Branding) jachuun maali?
Akka Afaan Oromootti jachi Brand ja’u Maqaa yoo tahu, Garuu Hiikkaa Brand ja’u Guutummaatti hin Ibsu, brand gaafa jannu Loogoo, halluu faashinii, ykn dhaadannoo nama hawwatu qofa sitti hin fakkaatin— kana caalaa baay’ee gad fagoodha.
Yeroo namni tokko maqaa kee dhaga'u, fuula kee argu, ykn waan ati toora interneetii irratti maxxansite dubbisu hunda waa'ee kee yaada uumuutti Seena. Yaadni sun maqaa (Brand) keeti.
Maqaan kee, fuulli kee, seenaan kee... brand ta’eera Jachuudha. Gaafiin Jiru Garuu carraa uumuuf, balbala banuuf, dhiibbaa uumuuf itti fayyadamaa jirtaa?
Qabeenyi ati qabdu inni gatii guddaan maallaqa, dandeettii, ykn walitti dhufeenyallee miti. Maqaa dhuunfaa keetii Brand keeti. Addunyaan akkamitti akka si ilaaltu, akkamitti akka si amananii fi akkamitti akka si yaadatanidha. Wanti si Gammachiisaa immoo? Ijaarsa jalqabuuf maallaqa ykn meeshaalee walxaxaa si hin barbaachisu — tooftaa sirrii fi yaada sirrii qofa si barbaachisa.
Maqaan kee ilaalcha namoonni siif qabanidha. Yeroo waa’ee kee yaadan maaltu akka itti dhaga’amudha. Walqunnamtiin hundi, maxxansi hundi, yaadni hundi, ergaan ati ergitu hundi hubannoo sanaaf gumaacha qaba. Kana jechuun, maqaan kee hojiidhaan Brand Ta’eera jachuudha.
Mee Brand dhuunfaa addunyaa kana irratti humna guddaa qaban tokko tokko Waliin haa ilaallu: Elon Mask, Oprah, Iman Gadzi ykn Maqaa Brand naannoo kee keessa jiran Namoonni gatii, akkaataa fi dhiibbaa isaanii battalumatti ni hubatu. Yeroo isaan argitu waan isaan dhaabbatan beekta, ergaa isaaniis ni amanatta. Sun humna maqaa (brand) ti — karaa gabaabaan immoo ‘sammuu namoonni ibsa dheeraa osoo hin barbaachisin si hubachuuf itti fayyadamanidha.’
Biraandiin waadaa dha. Muuxannoo wal irraa hin cinne dhaggeeffattoota keetiif geessudha. Fakkeenyaaf, qabiyyee kaka’umsaa ykn Motivation yoo uumte, dhaggeeffattoonni kee yeroo si waliin bobba’an hundatti kaka’umsa Motivate, ifaafi gorsa gochaan hojjetamuu danda’u ni eegu. Yoo sana osoo wal irraa hin cinne ( Consistency ) geessite, maqaan kee amanamaa fi yaadatamaa ta’uu danda’a.
Maqaan dhuunfaa keetii toora interneetii qofa irra hin jiraatu — bakka hundatti argama. Walgahii irratti akkamitti of dhiheessitu, hiriyoota kee wajjin akkamitti akka wal qunnamtu, qormaata akkamitti akka qabdu, qeeqaaf illee akkamitti akka deebii kennitudha. Seenaa namoonni waa'ee kee himan irrattis ni dabalata.
Maqaan kee duraanuu ijaaramaa jira, beektanis ta’ee beekuu baattanis. Yoo ati dammaqinaan dizaayinii hin goone, warri kaan siduraa Fudhhata. Kanaafidha hiika dhugaa maqaa (brand) hubachuun baay’ee murteessaa kan ta’e
Amma Guutummaatti Maalummaan Maqaa (Brand) jachuun maal akka tahe siif Gale ja’een yaada, Parrtii itti aanu keessatt :-
Waa’ee maqaa kee ibsuu, Maqaa Brand kee akkamiin akka filattu, eenyu ta’uu akka barbaaddu, maaliif akka dhaabbattu, akkasumas namoonni akkamitti akka si argan barbaaddu Wal duraa duubaan ni Hubatta.
Video kana LIKE godhuun kee Paartii itti aanu akkaan dafee isiniin qaqqabuuf na gargaara.

0 Comments